Ameerikaan Ityoophiyaaf deeggarsa namoomaa dabalataa Doolaara miiliyoona 313 taasifte

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Ameerikaan Ityoophiyaaf deeggarsa namoomaa dabalataa lammiilee kaaba Ityoophiyaatti sababa waraanaan miidhamaniif oolu Doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 13tti siqu  taasisuu beeksifte.

Deeggarsichi gama dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa USAID naannolee Amaaraa, Afaar fi Tigraayyitti lammiilee waraanaan miidhamaniif kan oolu ta’uu ibsameera.

Deeggarsichi lammiilee deeggarsa ariifachiisaa barbaadan baraaruuf, kenniinsa tajaajila dhaabbilee fayyaa fooyyessuuf, dhibeewwan daddarboo ittisuuf, miidhaa koorniyaa fi rakkoolee xiinsammuurra ga’an hir’isuu kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Ameerikaan lammiilee Ityoophiyaa rakkoo keessa jiran deeggaruuf kutannoo qabachuu fi deeggarsi dhaabbileen deeggarsa namoomaa naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaaritti lammiilee rakkoo keessa jiraniif taasisan cimee itti fufuu ibsameera.

Ameerikaan kaaba Ityoophiyaatti yeroo waraanni eegale irraa kaastee hanga ammaatti deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 95tti tilmaamamu taasisuu USAID ibsa dhimmicharratti baaseen eereera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment