Ameerikaan meeshaalee hargansuu (Veentileetara) 250 Ityoophiyaaf laatte

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Mootummaan Ameerikaa Ityoophiyaan weerara COVID- 19 ittisuuf tattaaffi taasiftu tumsuuf deeggarsa meeshaalee hargansuu (veentileetara meekaniikaal) 250 taasise.

Deeggarsicha kan laatan Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Maaykil Raaynar yoo ta’an, Ministerri Ministira Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa harkaa fudhaniiru.

Meeshichi namoota COVID -19n wallaansa cimaa dhukkubsatan sirni hargansuu isaanii miidhame gargaaruuf oola jedhaniiru.

Erga vaayrasichi muul’ate meeshichi addunyaarrattii haalaa olaanaa barbadamaa fi qaalii ta’u ibsaniiru.

Meeshichi gatiin tokko isaa Doolaara Ameerikaa kuma 8 yoo ta’u, gatiin waliigala Birrii miiliyoona 70.9 ta’u ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment