Ameerikaan namoota biyyattii keessa taa’uun nageenya Itiyoophiyaa booressaa jiran dabarsitee akka kennitu gaafatamte

Finfinnee, Caamsaa 2, 2016 (FBC) – Komishinarri Jeneraa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Ervaan Joosee Maasiingaa waliin mari’ataniiru.
Komishinar Dammallaash Gabramikaa’eel Ameerikaan namoota biyyattii keessa taa’uun nageenya Itiyoophiyaa booressaa jiran dabarsitee akka kennitu gaafataniiru.
Hariiroo Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Biiroo Qorannoo Poolisii Ameerkaa waliin qabdu caalmatti cimsuuf Ambaasaaddarichi gahee isaanii akka ba’anis gaafataniiru.
Ambaasaaddar Ervaan Joosee Maasiingaan gama isaaniin mootummaan Itiyoophiyaa namoota Ameerikaan barbaadaman dabarsee kennuun gumaacha taasiiseef galateeffachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment