Ameerikaan waggaa 20 booda guutumaan guutuutti Kaabuul gadhiiftee baate

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) – Xiyyaarri Ameerikaa isheen dhumaa buufata xiyyaaraa Kaabul keessaa baateerti jedhame.
Turtiin Ameerikaa Afgaanistaan waggaa 20 booda goolabameera
Xiyyaarri dhumaa C17 jedhamtu halkan edaa Ambaasaaddara Ameerikaa qabattee Kaabul keessaa baateerti.
Kanneen yeroo qabameef keessatti ba’uu hin dandeenyeef haala mijeessuuf hariiroon dippiloomaasii akka itti fufus ibsameera.
Erga xiyyaarri Ameerikaa dachee Afgaanistaan keessaa godaanee booda Taalibaan meeshaa waraanaa dhukaasuun gammachuu ibsataa jedhame.
Balaliin xiyyaaraa kun ergamni Ameerikaan bara 2001 Afgaanistaan keessatti eegalte guutuun xumuramuu muul’isa jedhameera.
Afgaanistaanii fi naannawa sanatti Ajejaan Waraanaa Ameerikaa Jeneraal Kenneth McKenzie, Hagayya 14 irraa eegalee hanga har’aatti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 23 caalan Afgaanistaan keessaa ba’uu ibsaniiru.
Ergamni Ameerikaa Afgaanistaan keessatti qabaachaa turte xumuramuun erga labsamee booda Waashingtanitti ibsa kan laatan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Antonii Biliinkan, hojiin kun mootummaa Ameerikaa qormaata guddaa ture jedhan.
“Boqonnaa haaraan eegalameera. Ergamni waraanaa xumurameera. Ergamni dippiloomaasii eegalameera’’ jechuun ibsan.
Ameerikaan yeroof caasaa dippiloomaasii Afgaanistaan keessaa qabdu gara Qataar Dohaatti dabarsuu ibsaniiru.
Lammiilee Ameerikaa fi namoota paaspoortii Ameerikaa qaban hundayyuu yoo isaan fedhan Afgaanistaan keessaa baasuuf akka gargaaran dubbataniiru.
Maddi:-BBC
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment