Arsenaal waggoota 6 booda tapha Shaampiyansi Liigii jalqabaa har’a galgala taasisa

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Kilabnii Kaaba Laandan Arsenaal turtii waggoota ja’aa booda tapha Shaampiyansi Liigii jalqabaa kilabaa Neezarlaandi PSV Indihoovaan waliin har’a galgala ni taphata.

Arsanaal yeroo xumuraaf Waltajjii Shaampiyansi Liigiirratti kan hirmaate bara Faranjootaa 2017 yoo ta’u, kanaanis kilabi warraa Jarman Baayermuunik ramaddii isaarra injifatamuun gaggeeffamuun kan yaadatamuudha.

Arsenal, bara darbe sochii ajaa’ibsiisaa argisiiseen morkattoota Waanca Piriimerliigichaa ta’uu bira darbee hirmaattota Shaampiyansi Liigii ta’uun himameera.

Tapha sa’aatii 4:00 irratti eegaluun, Gaalatasaarat Koopan Haagan waliin, Baayerni Muunik Maanchistar Yuunaayitid waliin, Siiviyaan Leensi waliin, Riyaal Maadiriid Yuuniyan Barliin waliin, Ispaartiingi Biraagaan Naappoolii waliin, Beenifiikaan Saalazibargi waliinii fi Riyaal Sooshidad Intarmiilaan waliin taphoota har’aa galgalaa gaggeeffaman ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment