Arteettaan Arsenaalitti leenjistummaan muudame

Finfinnee, Muddee 10, 2012 (FBC) – Arteettaan Arsenaalitti leenjistummaan muudame.

Kilabiin Ingiliiz Arsenaal Mikaa’eel Arteettaa leenjisaa olaanaa gochuun muude.

Muudama kanaafis Maancheestar Siitiif beenyaa kaffaluuf waliigaleera.

Kilabiin kaaba Landan leenjisaasaa Uunaay Uumree ega gaggeessen booda taphataa durii Freed Liyuunbarg leenjistummaa yeroon mindeessera.

Kilabichatti miira mo’attummaa uumuuf leenjisaa jijjiirun akka sababiitti ka’eera.

Arsenaal priimiyar liigidhaan qabxii 22n sadarkaa 10ffaarra jira.

Taphataan jiddugaleesdaa lammii Speen, Maancheestar Siitiitti gargaaraa leenjisaa Peeppee Gaardiyoolaa ta’uun tajaajilaa tureera.

Comments (0)
Add Comment