Atileet Lammeechaa Girmaa fi Gudaaf Tsagaay fiigicha Mana Keessaa Boostan Niwuu Baalaansi injifatan

Finfinnee, Amajjii 27, 2016 (FBC) – Atileet Lammeechaa Girmaa fi Gudaaf Tsagaay fiigicha Mana keessaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Boostan Niwuu Baalaansi injifataniiru.

Atileet Lammeechaa Girmaan dorgommii gufachiisaa fageenya meetira kuma 3 dhiiroota gidduutti fiigame daqiiqaa 7 fi sekondii 29 maayikiroo sekondii 08 xumuruun injifateera.

Atileet Gudaaf Tsagaay ammoo meetira kuma 1 fi 500 daqiiqaa 3 fi sekondii 58 fi maayikiroo sekondii 11 xumuraan 1ffaa ba’uu ishee ibsameera.

Atileet Birqee Hayyaloom daqiiqaa 4 fi sekondii 58 fi maayikiroo sekondii 43 xumuruun sadarkaa 2ffaa baatus umrii waggaa 20 gadiin rikardii bakkichaa galmeessuu dandeesseerti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment