Ayyaanni Du’aa ka’uu haaloota abdii nama kutachiisan keessatti kan argame ayyaana missiraachooti – Obbo Aganyahu Tashaagar

Finfinnee, Ebla 26, 2016 (FBC) ¬– Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Du’aa ka’uu haaloota abdii nama kutachiisan keessatti kan argame ayyaana missiraachooti jedhan Obbo Aganyahu Tashaagar.
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa fi Ummanni Itiyoophiyaa hundi baga ayyaana Du’aa Ka’uu Ayyasuus Kiristoos nagaan geessan jedhaniiru.

Du’aa ka’uun ka’uu yookaa irra deebiin dhaabbachuuti.
Du’arraa gara fayyinaa, madaarraa gara jireenyaa haaraatti ce’uu ta’uu ibsan.

Iyyasuus Kiristoos rakkoo, gidiraa, hammeenya fi reebicha irra ga’e cichoominaan dabarsuun dhala namaa jaalala, gaarummaa, dhukkubbiirraa dandamachuu barsiiseera jedhan.

Ityoophiyaanis qormaatilee mudatan hunda dandamachuun gara badhaadhinaatti akka ceetuu hubachuu qabna jedhan.

Hojiilee misoomaa eeggalaman hirmaannaa hunda galeessan itti fufsiisuun qabna jedhuun waamicha dhiyeessaniiru.

Ayyaanni Sooma Hiikaa ayyaana gammachuu, jaalalaa, obbolummaa fi fayyaa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment