Ayyaanni Masqalaa ayyaana Dachee rooba gannaan dhoqqoofte qoorsee, biiftuu hurriin haguugamte saaqee riqicha ta’ee Ganna irraa Birraatti ceesisuudha – Pir. Shimallis

Finfinnee, Fulbaana 16, 2016 (FBC) –Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana Daamaaraa Masqalaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

“Baga Bacaqii Gannaa Hoofkaltanii Booqaa Birraa Nagaan Geessan” Shimallis Abdiisaa Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Ayyaanonni waggaan maranii dhufan miira ittiin yaadatamaniiifi kabajaman qabu. Waktiilee itti kabajamanittis hawaasa keenyaaf hiikaafi ergaa dhama qabu dabarsuun achii-dhuftee ganamaa lallaba buleeyyiin galaa hawaasaaf gumaachu.

Ayyaanni ayyaana Masqalaa Dachee rooba gannaan dhoqqoofte qoorsee, biiftuu hurriidhaan haguugamtes saaqee riqicha ta’ee Ganna irraa Birraatti kan ceesisu ayyaana kabajamaadha.

Ayyaanni Masqalaa uummata Oromoo biratti jaalalaafi tokkummaan kan kabajamu, kan arjoomuu malee waakkiin keessa hin jirre ayyaana quufaafi sugaati. Kanaaf Masqalli Mootii Ayyaanaa jedhamee uummata Oromoo biratti miira addaan kabajama.

Kabajamtoota uummata Oromoofi lammileen Itoophiyaa hundi baga bacaqii Gannaa hoofkaltanii Booqaa Biirraa Ayyaana Masqalaa tibba horii fi namni, waatiifi daa’imni akkasumas kan fagoofi dhiyoo gammachuun guutamee, hawaasummaan haaromee walooma isaa itti leellisuufi gammachuu isaa ittiin ibsatu nagaan geessan.

Uummata Oromoo biratti booqaan Birraa taatee wal jijjiirraa yeroon dhufu qofaa osoo hin taane, sochiin hawaasummaafi diinagdee sababa rooba cimaan gargar fagaatee fagaatee ture deebi’ee jabaachuun ilma namaa imala haaraawaaf qopheessa.

Hawaasummaa ganni gargar fageesse deebi’ee haaroma, Qeerroofi Qarreenis Goobeefi Shinooyee taphachuun qe’ee tokkoo gara birootti imalanii misiraachoo simannaa Ayyaana Masqalaatti labsu.

Kana malees, Masqalli ayyaana tibba sanyiin Ganna facaafame Asheetee ollaafi firri walitti dhufanii waliin sooratan, loon kaloorraa dheedanii wayita quufan kabajamu waan ta’eef simboo addaa kenna. Kanaaf Oromoon Masqalli quufa jedha.

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa birattis Masqalli ayyaana yaadannoo fannoo Yesuus Kiristoos ta’ee kabajama.

Hordoftoonni amantichaa jaalala dhugaa Waaqayyo dhala namaatiif qabu guyyaa itti dinqisiifataniifi galateeffataniidha. Yesuus kiristoos jaalala ilmaan namaatiif jecha sababa dhiifamuu cubbuutiif tokkicha ilmasaa gara biyya lafaatti erguun wareeguu isaa yaadachuun araaraafi dhiifama guyyaa itti lallabaniidha.

Kanaafis, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti Ayyaanni Masqalaa guyyaa yaadannoofi mallattoo jaalalaa, araaraafi dhiifamaa ta’uutu barsiifama.

Uummata biyya keenyaa hunda biratti Masqalli akka mallattoo ce’uumsaatti ilaalama.
Sababni isaa Masqalli wayita Gannarraa gara Birraatti darbamu waan ta’eef rakkoofi gadadoo irraa gara quufaatti waan ce’aniif, Oromoon kan darbeef Waaqa galateeffachuun kan dhufuuf immoo kadhachuun kabajata.

Kabajaafi ulfina Ayyaana Masqalaatiif qabus yeroo ibsu “Galgalliifi Masqalli waakkii hin qabu” jechuun duudhaa arjummaa sirna uummata Oromoo keessa jiruun maaddii waliin qooddachuufi ayyaanicha gamtaan waliin kabajata.

Kabajamtoota uummata Oromoo, saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa duudhaa waloomaa waggootaaf kuufanneen tokkummaa keenya jabeessinee humna nu diiguu barbaadu gamtaan dura dhaabannee bara 2015 keessa qormaataawwan hedduu turan carraatti jijjiirree milkoofnee jirra.

Uummanni keenya gamtaa isaa cimsatee qormaatilee waan injifataman hin fakkaanne hunda injifatee, hanqina jiru sirreesseefi cimina qabnus itichuun hojiin hojjechaa dhufne humna guddaa imala keenya milkeessee badhaadhinaan nu ga’u ta’uu gocha qabatamaa keessatti agarree jirra. Keessumaa wayita hongeen cimee rakkoo hamaaf uummata keenya saaxile uummanni Kaabaa Kibbatti, Bahaa Lixatti harka arjummaa isaa waliif diriirsee Buusaa Gonofaan wal hirphee qormaaticha karaa ajaa’ibaan akka damdamannu nu taasiseera.

Kana malees, hongee jijjiirama qilleensaan dhufu hundeen qolachuu kan nu dandeessisan Pirojektoota Finnaa baajata mootummaa xiqqaa qabnuufi humna waloo keenya fayyadamnee fala waaraa rakkoolee akkasii ittiin furrus nu gonfachiiseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaafi safuu Oromoo ulfoofi ulfina isaa ganamaatti deebisuun Oromiyaa ijaaree Itoophiyaas utubuuf imala waloomaa jabeessuu, misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuufi nagenya waaressuuf eegale daandii ummatichaa qajeelchee injifannoo ummatichaas akka itti fufu taasiseera.

Aadaafi duudhaan keenya akkasumas seenaan gootummaa keenyaa misoomaafi guddina dinagdeenis akka dabalamuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa harqota hiyyummaa caccabsuun diinagdee damdaneessaa mirkaneessuuf bara 2016tti karoora xiiqii qopheessee hojiitti hiikuu eegaleera.

Karoorri xiiqii bara kanaa aadaa hojii keenya bu’uraan jijjiirruun ariitiifi baay’inaan oomishnee kalaqaan dabaaluun akka galma guddaatti kan qophaa’e karoora uummataati.

Kana malees humni waloo keenya tajaajila lammummaa, Buusaa Gonofaa, Gaachanni Sirnaafi Manni Murtii Aadaa karoora keenya cimsee riqicha amasiisaa boruu keenya ittiin ijaarru ta’ee kan nu gargaaru ta’uun xiyyeeffannoon kennameefii jira.

Galma qabame milkeessuufis Oromoon wal hubatee gurmaa’ee waliin dhaabbatee qormaata isa mudatu hunda waloon qolachuufi nageenya isaa tikfachaa injifannoo isaas bulfachuun egeree isaa bu’uura jabaa irratti cimsee akka ijaarratu waamichan dhiyeessa.

Uummanni ayyaana kana wayita kabaju gootota ilmaan sabaafi sablammootaa kaayyoo finxaaleyyii dura dhabbachuun kabaajaafi ulfina naannoofi biyyaa tiksan yaadachuufi kabaja kennuu, maatii isaanii deeggaruun haalaan barbaachisaadha.

Kan rakkate gargaaruu, kan dheebote dheebuu baasuufi kan daares uffisuun wal bira dhaabbachuu qabna.

Waktichi waktii Manneen Barnootaa saaqamaniifi barattoonnis manneen barnootaatti deebi’an waan ta’eef tajaajila lammummaa keenya cimsinee misooma waloo keenya akka milkeessinu waamicha dhiyeessuun barbaada.

Ayyaanichi kan gammachuu, jaalalaafi tokkummaan keenya daran cimee sabdaneessummaan itti dagaaguun biyya cimtuu hundaaf mijattuu taate itti ijaarru nuuf haa ta’u jechaa, ayyaanni kan nagaa, jaalalaafi milkaa’inaa, akka nuuf ta’un hawwa.

Ayyaana Gaarii!

Oromiyaa ni ijaarra!

Itoophiyaa ni utubna!

Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!

Waaqayyos nu gargaara!

Shimallis Abdiisaa, Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Fulbaana, 2016
Finfinnee

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment