Ayyaanonni Hiikaa fi Iid Al Faxir karaa nagaan akka kabajamaniif qophii xumuruu naannoleen ibsan

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Ayyaanonni Hiikaa fi Iid Al Faxir karaa nagaan akka kabajamaniif qophii xumuruu naannoleen garaagaraa ibsan.

Naannoo Harariitti ayyaanonni Hiikaa fi Iid Al Faxir karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa naannoo Hararii ibseera.

Nageenya naannoo Hararii mirkaneessuuf deeggarsi uummanni taasisaa jiru cimee akka itti fufu komishinichi gaafateera.

Bifuma walfakkaatuun ayyaanonni kunneen karaa nagaan akka kabajamaniif hojiileen haalduree xumuramuu komishiniin Poolisii naannoo Uummattoota Kibbaa beeksiseera.

Ayyaanonni kunneen nagaan akka kabajamaniif poolisiin hawaasa waliin ta’uun kan hojjetu ta’uu komishinarri Komishinii Poolisii Naannoo Uummattoota Kibbaa  Alamaayahu Maammoo ibsaniiru.

Komishiniin Poolisii naannoo Amaaraa gamasaatiin, yakkoota ayyaanota hordofanii uumamuu malan dursanii adda baasuun hojiin ittisaa duraa hojjetamaa jiraachuu beeksiseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment