Baatiwwan jahaan darbanitti magaaloonni haaraan 125 tajaajila humna elektirkaa argachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Kutaalee biyyattii uwwisa bu’uuraalee misooma Elektirikii hin arganne qaqqabsiisuuf hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa beeksiseera.
Haaluma kanaan baatiwwan jahaan darbanitti magaaloonni haaraan 161 tajaajila humna elektirikaa akka argatan karoorfamee magaaloonni 125 tajaajila humna elektirikaa argachuu ibsameera.
Magaaloota 10 keessatti hojii deebisanii ijaaruu raawwachuuf karoorfamee 10 raawwatamuu eerameera.
Magaaloota baadiyyaa 171 tajaajila humna elektirikaa akka argataniif karoorfamee 135 argachuu ibsameera.
Sarara elektirikaa giddugaleessaa Kiiloo Meetiraa kuma 1 fi 35.15 diriirsuuf karoorfamee Kiiloo Meerirri kumni 1 fi 439.67 raawwatamuu himameera.
Sarara gadi aanaa Kiiloo Meetira 749.93 diriirsuuf karoorfamee Kiiloo Meetirri kumni 1 fi 439.9 raawwatameera.
Magaalota baadiyyaa 427 keessatti Tiraanisfoormera dhaabuuf karoorfamee 314 raawwatamus eerameera.
Dabalataan walakkaa waggaa kanatti maamiltoonni haaraan kumni dhibbi 1 fi kumni 42 fi 11 fayyadamoo tajaajila humna elektirikaa akka ta’an taasiifamuu dhaabbatichi ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment