Badii badiin,gocha jibbisiisaa gochaa jibbisiisaan hin yaallu – Uztaaz Abbuubakar Ahimad

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Qaama Sagantaa Iidaa hanga Iidaa kan ta’e Afxiraan daandirraa guddichi har’a magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Taateewwan tibbana iddoolee tokko tokkotti raawwatan Ityoophiyaanota kan hin ibsine, gochaa qaaneessaa ta’uu Uztaaz Abbuubakar Ahimad ibsaniiru.

Qaamoleen gochaa qaaneessaa raawwatan adabbii seeraa madaallawaa ta’e argachuu akka qaban gaafataniiru.

Yaa taa’uutii badii badiin,gocha jibbisiisaa gochaa jibbisiisaan hin yaallu jedhan.

Luboonnii fi abboottiin amantii Islaamaa gochicha balaaleeffataniiru.

Afxiraan walummaa fi tokkummaa ibsu daandirratti akka qophaa’u qaamolee deeggarsa taasiisan galateeffataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment