Biiroon Barnootaa Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee, Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksanitti Barnoota Afaan Somaalee Mana Barnootaa Waalewid keessatti jalqabsiisan

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Biiroon Barnootaa Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee, Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksanitti Barnoota Afaan Somaalee Mana Barnootaa Waalewid keessatti jalqabsiisaniiru.
Barnoonni Afaan Somaalee kutaa 5 irraa jalqabee akka gosa barnootaa tokkootti Aanaa Cinaaksan, Manneen Barnootaa 6 keessatti, Harargee Lixaatti ammoo Manneen Barnootaa 5 keessatti Waliigala Manneen Barnootaa 11 keessatti jalqabameeti jira.
Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Girmaa Baayyisaa Afaan Somaalee Oromiyaa keessatti barsiisuun obbalummaa Oromoo fi Somaalee daran cimsa jadhan.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Somaalee obbo Mahaammad Fattaah Mahaamed Barnoonni Afaan Somaalee har’a jalqabame hariiroo Oromoo fi Somaalee boqonnaa haaraatti kan ceesisu jadhan.
Akka OBN gabaasetti, Bulchaan Aanaa Cinaaksan obbo Taajuu Adam, hojiin Barnootaa Naannooleen Lameen jalqaban akka milkaa’uuf deeggarsa barbaachisaa hunda ni goona jadhan.
Jiraattoonni Aanaa Cinaaksan Afaan kamiyyuu barachuun qabeenya waan taheef hojiin jalqabame baballachu qaba jadhan
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment