Biyya Ilaalcha gargaaramuu fi kadhaa jalaa baasuun dhimma yeroon kennamuufi miti – Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Biyya ilaalcha gargaaramuu fi kadhaa jalaa baasuun dhimma yeroon kennamuufi miti jedhan Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahin.
Ilaalcha gargaaramuu jalaa bahuun boqonnaa jaalala biyyaa isa lammaffaa milkeessuuf bu’uura kan itti keenyudha jedhan.
Waltajjiin ilaalcha gargaaramuu jalaa bahuuf mari’atamuu kan mata duree” gargaaramuurraa gara oomishtummaatti, birmadummaa fi kabaja biyyaa guutuuf” jedhuun qophaa’e har’a Waajjira Muummee Paartii badhaadhinaatti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahin dabalatee Ministiroonni, hooggantoonni dhaabbilee Federaalaa Olaanoon, hooggantoonni waajjiraalee damee paartii badhaadhinaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.
Biyya gargaaramuufi kadhaa jalaa baasuun dhimma yeroon hin kennamneef ta’uu Obbo Adam Faaraahin ibsuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.
Ilaalcha gargaaramuu jalaa osoo hin bahiin birmadummaa fi kabaja biyyaalessaa guutummaatti gonfachuun hin danda’amu jechuun ibsaniiru.
Kanaaf ammoo kutannoon ka’uun eeranii,qabeenya Itiyoophiyaan qabdu qindeessuun itti fayyadamuunii fi badhaadhinaaf oolchuun baay’ina gargaaramtootaa hir’isuu, suutaanis guutummaatti gargaaramuurraa baasuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Paartiin badhaadhinaa ilaalchi gargaaramuu kufaatii akka biyyaatti uumuu danda’u sirriitti hubachuun dhimmicha hundeerraa furuuf tarkaanfilee gurguddoo fudhachaa jiraachuu kaasaniiru.
Oomishtummaa guddisuun furmaata egeree fiduuf sosochiiwwan kanneen akka misooma Maaddii guutuu yeroo adda addaatti akka biyyaatti hojjetaman bu’aa abdachiisaa argamsiisuu eeraniiru.
Comments (0)
Add Comment