Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti hojiin qonna magaalaa daawwatame

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Jilli Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee obbo Toleeraa Raggaasaan  durfamu hojii qonna magaalaatiin Kutaa Bulchiinsa  Sorgaa keessatti hojjetamaa jiru daawwateera.

Jillichi  hojii inisheetiivii qonna jallisii qamadii, gaagura ammayyaa, kuduraa fi muduraa akkasumas furdisa horii magaalicha keessatti  hojjetamaa jiran daawwateera.

Daawwannicharratti hoggansi magaalaa, ogeessota qonna magaalaa fi godinaa argamaniiru.

Dhaabbanni Gaarummaa Hawaasaa jedhamu xaa’oo fi sanyii filatamaa dhiyeessuun qonnaan bultoota hojicharratti bobba’aniif deggersa taasisaa akka jiru namoonni qonna jallisii qamadii fi kuduraa fi muduraa hojjetaa jiran ibsuun, deggersaa taasifamuuf galateeffataniiru.

Hojiin qonna magaalaa  rakkoo dhiyeessii nyaataa magaalaa keessstti mul’atu furuu fi lafa xiqqaarratti hojii qonna kuduraa fi muduraa hojjechuun akka danda’amu hubannoo argachuu fayyadamtoonni eeraniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment