Bulchiinsi magaalichaa manneen jireenyaa 127 harka qalleeyyiif dabarse

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinneetti kutaan magaalaa Addis Katamaa manneen jireenyaa 127 harka qalleeyyiif dabarseera.

Namoonni manneen jireenya dabarfameef kun lammiilee mana jireenyaatin rakkoo keessa turanii fi hiyyeessa hiyyeessaa gadii jedhamuun adda fo’aman ta’uu eerameera.

Manneen kanneenis kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee argamuun laachuusaanii ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Manneen jireenyaa lammiileef dabarfaman kunneen karaa seeraan alaa qabamanii turu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment