Chaad fonqolcha mootummaa erga gaggeessitee waggoo 3 booda filannoo gaggeessaa jirti

Finfinnee, Ebla 28, 2016 (FBC) – Chaad fonqolcha mootummaa erga gaggeessitee waggoo 3 booda filannoo Pireezidaantummaa gaggeessaa jiraachuu ibsame.

Chaad naanniwachatti biyyoota fonqolchi mootummaa itti raawwatame keessaa biyya filannoo gaggeessaa jirti ishee jalqabaati jedhame.

Lammiileen biyyaattii miiliyoonni 8.5 filannichaaf kan galmaa’aan yoo ta’u, har’a ganama sa’aatii 1:00 hanga waaree booda 11:00tti filannichi kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Bu’aan yeroo filannicha Bara Faranjootaa Caamsaa 21, 2024 bu’aan waliigalaa Waxabajjii 5 kan ifoomu ta’uu ibsameera.

Ilmi Pireezidaantii duraanii biyyaattii Mahaammat Indiriis Deebiin filannicharratti hirmaachaa jiru jedhame.

Deebiin nageenyaa fi olaantummaa seeraa cimsuu, akkasumas dhiyyeessii tajaajila Elektirikaa fooyyeessuuf waadaa galaniiru jedhameera.

Morkataan isaanii Saksas Maasaaraanis dhiyeessii Tajaajila Elektirikaa, Bishaanii fi nageenyaan walqabatee rakkoolee jiran saffisaan furuuf waadaa galuu isaanii eerameera.

Naannawichatti biyyoota akka Maalii, Burkiinaa Faasoo fi Niijeritti fonqolchi mootummaa gaggeeffamee turus hanga ammaatti filannoo kan hin gaggeessine ta’uu Reuters fi African News gabaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment