Daandiin qilleensichaa Waxabajjii 10 irraa jalqabee gara Naqamteetti balallii ni eegala

Finfinnee, Caamsaa 17, 2016 (FBC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Waxabajjii 10, 2016 jalqabee gara magaalaa Naqamteetti balallii kan eegalu ta’u beeksiiseera.
Daandii Qilleensa Itiyoophiyaatti Hoggaanaan Damee daldalaa Obbo Lammaa Yaddeechaan akka ibsanitti, daandii qilleensicha fedhii balallii biyya keessaa guddachaa dhufe waliin gahuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Haaluma kanaan balallii gara magaalaa Naqamtee addan cite ture irraa deebiin eegaluuf hojiilee garaagaraa hojjetama turuu kaasuun, waxabajjii 10, 2016 irra jalqabee torbanitti si’a sadii balallii taasiisuuf qophiin xumuramuu ibsuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment