Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) qorichoota aadaa Afrikaa Covid19 fayyisu jedhaman irratti yaalii taasisuuf murteesse

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) – Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) qorichoota aadaa Afrikaa Covid19 fayyisu jedhaman irratti yaalii taasisuuf murteesse.

Qorichooti aadaa yoo saayinsiin deeggaraman qofa bu’aa qabeessa tahuu danda’u jedheera dhaabbatichi.

Yoo qorichooti aadaa kun akka hojjetan mirkanaa’e bal’inaan akka oomishaman taasisuun danda’ama.

Preezdantiin Madagaaskaar qoricha aadaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa hin mirkanoofne Covid19 ni fayyisa jechuun namoonni akka fayyadaman jajjabeessaa turan.

Dhaabbatichi murtoon ammaa kun saayintistooti Afrikaa yaalii fi qorannoo barbaachisaa tahe akka raawwatan deeggaruu fi gahoomsuufi jedhe.

Murtoon kun tibba namoonni vaayrasii koroonaan qabaman miiliyoona 30 darbee fi kan lubbuun dhaban immoo 957,000 gahe kanatti beeksifame.

Afrikaa keessatti hanga yoonaa namoonni miiliyoona 1.3 dhukkubichaan yoo qabaman, 33,000 du’aniiru.

Talaalliiwwan 140 ol Covid19 fayyisu jedhaman qophaa’aati jiru, gariin immoo namoota irratti yaalamanii jiru.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment