Dhibeewwan daddarboo hin taane seektara fayyaarratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Dhibeewwan daddarboo hin taane seektara fayyaarratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Dhiyeessa qorichaalee dhibee Kaansarii fooyyessuuf qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeffameera.
Sadarkaa biyyaalessaatti Dhaabbilleen Mootummaan kumni 1 fi 400 Talaallii, Qorannoo fi yaala Kaansarii fiixee gadameessaa kennaa jiraachuu marichaan ibsameera.
Mootummaan waggaa waggaan dhiyeessa qoricha dhibee Kaansariif Birrii miiliyoona 150 ol ramaduun deeggarsa taasiisaa jiraachuu eerameera.
Dhiyeessa qorichaa fooyyessuun cinaatti qooda fudhattoonni walitti dhiyeenyaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ka’eera.
Dhibeewwan daddarboo hin taane seektara fayyaarratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.
Talaallii dhibee Kaansarii Fiixee Gadameessaa kennuun dhibicha dursanii ittisuun murteessaa ta’uu dubbachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.
Akka gabaasni Giloobookaan ibsutti waggaan namoonni haaraan kumni 80 fi 334 dhibee Kaansariin kan qabaman yoo ta’uu namoonni kumni 54 fi 698 ammoo lubbuu isaanii dhabu.
Comments (0)
Add Comment