Dhiibba weerara vaayrasii koroonaa fi Awwaanisaan oomishni %8 hir’ina agarsiisu danda’a – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Eebila 20, 2012 (FBC) – Dhiibbaa weerarri vaayrasii koroonaa fi Awwanisni waliin uumaniin oomishni %8 hir’ina agarsiisuu akka danda’u Ministeerri Qonnaa beeksise.
 
Ministeera Qonnaatti Deettan Ministira misooma Sanyii obbo Saanii Radii ibsa har’a laataniin oomishni hir’ina agarsiisuu kan danda’u waaqtii Arfaasaa, waktii sassaabbii fi jallissii Bonaa ta’uu ibsameera.
 
Waqtii Arfaasaa dabalatee oomishoonni sanyii fi hooltikalchar yookiin oomishaalee kuduraa fi muduraa irratti sababa weerara vaayrasi koroonaa fi Awwaanisaan oomishini akka hir’atu ta’eera jedhan.
 
Bara kana Ityoophiyaan oomisha kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 79 kan ishee barbaachisu oomishuu kan dandeesse oomisha kuntaala miiliyoona 300 fi miilyoona 69 dha.
 
Wabii nyaataa mirkaneessuf qamadii fi Ruuzii kuntaala miiliyoona 20 akkasumaas oomishoota biroo alaa galuu qabu ture, sababa vaayrasichaan oomishni kun kan hin galle yoo ta’e bara dhufutti hanqinni oomishaa kuntaala miiliyoona 40 mudachuu akka danda’u obbo Saaniin ibsaniiru.
 
Tsaggaayee Niguustu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment