Dooktar Abiy Ahimad hirmaattota Teletoonii dijitaalaa galateeffatan

Finfinnee, Ebla 20, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad sosochii “Daandii Qulqulluu-Jireenyaa Fayyaa” jedhuun teletoonii dijitaalaa har’a eegalamerratti kanneen hirmaatan galateeffataniiru.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Faayidaa waloof, waloon yoo dhaabbannu waan ajaa’ibaatu ta’a” jedhan.

Hanga ammaattis sosochii teletoonii “Itiyoophiyaa Qulqulluu” irratti kanneen hinhirmaatiin jiran sa’atiiwwan hafan, guyyootaa fi torbanoota dhufan keessatti akka irratti hirmaatan jajjabeessaniiru.

Waloon, dhiibbaa gaarii hiika qabu uumuu ni dandeenya jechuunis akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment