Dooktar Abrahaam Balaay Ambaasaaddara Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay Ambaasaaddara Chaayinaa Zyi’aa’oo Zyiihihuu waliin mari’ataniiru.

Mootummoota Misoomaa Ityoo Chaayinaa fi hariiroo ummattootaa cimsuuf dhimoota tumsaan hojjetaman irratti mari’ataniiru.

Hariiroon fayyadamummaa waloo biyyoota lamaanii fi dhimmoota tarsiimoorratti hundaa’e cimee itti fufa jedhan Dooktar Abrahaam.

Ambaasaaddarri Chaayinaa Zyi’aa’oo Zyiihihuu gama isaaniin hariiroo cimaa bara dheeraa Chaayinaan Ityoophiyaa waliin qabdu itti fufiinsa akka qabaatu ni hojjetama jedhan.

Hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii gara sadarkaa fooyya’aatti ceesiisuuf deeggarsa teeknooloojjj hawwaa, yaala aadaa, misooma paarkii indaastirii fi kanneen biroorratti eegalameef mootummaan Chaayinaa tumsa barbaachisu ni taasiisa jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment