Dorgommii fiigicha Mana keessaa Tuuraanitti gaggeeffameen atileetonni Ityoophiyaa injifatan

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC) – Dorgommii fiigichaa Mana keessaa guyyaa kaleessaa Tuuraanitti gaggeeffameen atileetonni Ityoophiyaa injifatan.

Fiigicha dhiiraa meetira kuma 3 atileet Lammeechaa Girmaa sa’atii 7:31:09 1ffaa ba’uun yoo injifatu Salamoon Baaraggaa 2ffaa, Geetinnat Waalee 4ffaa, Adihaanaa Kaasaay 7ffaa fi Haftuu Takluu 9ffaa ba’uun dorgommicha xumuraniiru.

Dorgommii fiigicha dubartootaa meetira 1500 Gudiif Tsaggaayee sa’aatii 3:54:77 1ffaa yoo baatu, Lamlam Hayiluu 2ffaa, Fireewayin Hayiluu 3ffaa, Habtaam Alamuu 4ffaa fi Hiruut Mashashaa 5ffaa ba’aniiru.

Dorgommii fiigicha dubartootaa meetira 800 Tigist Girmaa 3ffaa fi Warqinash Massalaa 5ffaa ba’uun dorgommicha xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment