Dorgommii Fiigichaa Faransaayitti gaggeeffameen atileetonni Ityoophiyaa injifatan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)– Dorgommii Fiigichaa mana keessaa  guyyaa kaleessaa Faransaay magaalaa Leeviinitti gaggeeffameen atileetonni Ityoophiyaa injifatan.

Dorgommii fiigicha meetira kuma 3 Lammeechaa Girmaa 1ffaa yoo ba’u Salamoon Baaraggaa 2ffaa, Geetinnat Waalee 3ffaa, Girmaa Dirribaa 8ffaa fi Nibrat Malaak 13ffaa ba’uun xumuraniiru.

Bifuma Walfakkaatuun fiigicha Maayilaa dubartootaan Gudiif Tsaggaayee Aksuumaayit Imbaayee fi Hiruut Mashashaa 1ffaa hanga 3ffaa yoo ba’an Natsaannat Dastaa 4ffaa, Wazaam Tasfaayee 9ffaa akkasumas Tigist Katamaa 11ffaa ba’uun dorgommicha xumuraniiru.

Dorgommii fiigicha meetira kuma 3 dubartootaan Daawwit Siyyum sa’aatii 8:23:24tti galuun riikardii bakkichaa haaraa galmeessisuun  1ffaa ba’uun xumurteetti.

Dorgommichaan Ijjigaayyahu Taayyee 2ffaa, Faantuu Warquu 3ffaa, Warqwuhaa Geetaachoo 5ffaa, Zarfee Wandimmaagany 7ffaa akkasumas Ayaal Daanyaachawu sadarkaa 8ffaa ba’uun xumuraniiru.

Gama biraan dorgommii fiigicha dhiiraa meetira kuma 2 Saamu’eel Zallaqaa 1ffaa yoo ba’u Hayilamaariyaam Tagany 10ffaa, Tolasaa Boodanaa 11ffaa fi Abrihaam Simee 14ffaa ba’uun dorgommicha xumuraniiru.

Dorgommii fiigicha dhiiraa meetira 1500 Saamu’eel Tafarraa sadarkaa  2ffaa fi Adihaanaa Kaasaayee 8ffaa ba’uun xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksiirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment