Dubartoonni miseensa Mana marichaa fi Caffee Oromiyaa waamicha nageenya dhiyeessan

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Dubartoonni miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Caffee Oromiyaa qaamolee hidhannoon socho’aniif waamicha nageenya dhiyeessaniiru.
Rakkoo nageenyaan adda durummaan kan miidhaman daa’immanii fi dubartoota waan ta’aniif nageenyi waaraa akka jiraatuuf gahee isaa kan bahatan ta’uu miseensonni kunneen ibsaniiru.
Sirna Gadaa keessatti hadhooliin siinqee waraana dhaabu kan danda’aan Siinqeen kabaja, siinqeen jalaala haadholiin siinqees, siinqee qabatanii waamicha nageenya dhiyyeessu.
Dubartoonni nageenya waaraa mirkanessuu keessatti gahee guddaa qabaachuu Af Yaa’iin Caffee Oromiyaaa Aadde Sa’aadaa Abdurahaaman himaniru.
Kanneen waamicha dhiyaatee fudhachuun dhufaniif Mootumman simamnnaa kan taasisuu ta’u Aadde Sa’aadaan eeraaniiru
.
Hawwii Fiqaaduutu gabaase.
Comments (0)
Add Comment