Ejansiin misoomaa Gabaa Oromiyaa Sirna al- ergii hammayya’aa fi haqa qabeessaa ta’e diriirsuu beeksise

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) –Ejansiin misoomaa Gabaa Oromiyaa Sirna al- ergii hammayya’aa fi haqa qabeessaa ta’e diriirsuun fayyadamimmaa ummataa mirkaneessuuf hojjachaa jirachuu beeksise.

Daayrektarri olaanaan Ejansii Misooma Gabaa obbo Gammachiis Malaakuu ibsa miidiyaaleef kennaniin gabaa oomisha al-ergii akka naannoo Oromiyaatti karoora yeroo dheeraa fi gabaabaatiin xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.

Qaamonni Oomisha akka Boloqqee Adii ,Boloqqee Diimaa,Maashoo,Atoo Aannanii beekkamtii ministeera Daldalaatin ala dhoksanii jiran hanga Eebila 30tti gara ECX tti kan hin galchine taanan mootummaan tarkaanfii kan fudhatu ta’uu Obbo Gammachiis ibsaniiru.

Daldala seeran alaa fi kotorbaadii irratti mootummaan naannoo Oromiyaatti yeroo kamuu caalaa miiran kan hojjatu ta’uu obbo Gammachiis ibsaniiru.

Oomishaa fi oomishtummaa Bunaa dabaluuf yeroo kamuu caalaa akka Mootummaa naannoo Oromiyaatti xiyyeefannaa guddaan hojjatamaa jiraachuus Obbo Gammachiis ibsaniiru.

Gama Oomisha Bunaatin hojii hojjatamaa tureen bara kan dhibbeentaa 95%kan milkaa’uu Obbo Gammachiis dubbatan.

Dhiyeessii Saliixaa wajjiin wal qabatee Saliixa (%74.3) gara gabaa biyya alaatti ergamuun sharaf kan argamsiise ta’uun ibsameera.

Hanqinni kan argamsiiseef sababa dhiyeessii sanyii filatamaa ta’us obbo Gammachiis dubbayaniiru.

 

Oomisha Boloqqee Adii irratti haaluma wal fakkaatun hojjatamaa kan dhufeefi raawwin jiri dabalaa dhuf hanqinni gama kanaan jiraachuu ibsameera.

Oomisha Boloqqee Diimaa, Mashoo fi Atoo Aannanii irratti %74 gabaa biyya alaatti dhiyeessun danda’ameera.

Biiroon Dhimmoota Kominkeeshinii oromiyaa akka beeksiseetti, gabaa Jimaa irratti xiyyeeffannoon guddan hujii keessaa kan galame yoo ta’u iddoo gabaa Jimaa afur(4)mijataa jiraachuu ibsuun DirreeDawaa, Awwadaay, Baddeessaa fi Magaalaa Finfinneetti giddugalli gabaa hojjatamaa jira.

Oomisha Jimaa al-ergiif toonii 312,321 kan raawwatame ta’us ibsameera.

Gama dhiyeessii Beeyladaatin bara kana iddoon turmaataa 12 kan qophaa’e ta’us Obbo Gammachiis ibsaniiru.Bu’aa Loonii irraa kan argamu Foon tooni 100 guyyaadhan gara alaatti kan ergamu ta’us ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment