Fandiin Qorannoo Ummataa DhMG walta’iinsa Ityoophiyaa waliin qabu akka cimsu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2015 (FBC)- Minstirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan, haaraa kan muudaman Ityoophiyaatti Bakka Bu’aa Qorannoo Ummataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Koofii Kuwaamee waliin mari’ataniiru.

Dooktar Fitsum, maricharratti qorannoo ummataan hojiilee hojjetamaa jiran cimsuuf tumsa isaanii akka cimsan amantaa qaban ibsaniiru.

Mootummaan dhimma qorannoo ummataa xiyyeeffannaa hojjechaa jirachuu eeruun, karooraa misoomaa biyyattii keessa galfamuun hojiirraa oolfamaa jiras jedhan.

Koofii Kuwaameen gama isaaniin, Fandiin Qorannoo Ummtaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, dhimmoota qorannoo ummataarratti hojiilee walta’iinsaan hojjetaman cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Turtii Ityoophiyaatti taasisaniin raawwiiwwan michummaa misoomaa fi walta’iinsa fedhii ummataa bu’uureffatan cimsuuf akka hojjetan mirkaneessuu ragaan ministeericharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment