Fiigicha meetira 100 umrii waggaa 20 gadiin riikkardiin addunyaa fooyya’e

Finfinnee, Adoolessa 22, 2015 (FBC) –  Atleet Isaamaandee Asiingaan fiigichi meetira 100 umrii waggaa 20 gadii riikkardiin addunyaa fooyyessuun injifateera.

Shaampiyoona Atleetiksii Ameerikaa Kibbaa umrii waggaa 20 gadii gaggeeffamaa jiruun lammiin Suriinaam Atleet Isaamaandee Asiingaan fageenyicha sekondii 9 fi maayikiroo sekondii 89 xumuruun  riikkardii addunyaa fooyyesseera.

Riikkardiin iddichaa Atleet Boostiwaanaa Leesiil Teeboogoon sekondii 9 fi daqiiqaa 91 qabamee kan ture ta’uu ragaan Atleetiksii Addunyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment