Filannoon biyyoolessaa 2012 yeroo qabameefitti gaggeeffamuu hin danda’u jedhe boordichi

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Filannoon biyyoolessaa 2012 yeroo qabameefitti gaggeeffamuu hin danda’u jedhe boordichi.
 
Sababii weerara vaayrasii koroonaatin filannoon biyyoolessaa bara 2012 gaggeeffamuuf ture yeroo qabameefitti kan hin adeemsifamne ta’uu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Boordichi dhiibbaa vaayrasiin koronaa yeroo filannoorratti uumee fi uumuu malu qorachuudhan murteewwan dabarseera.
 
Boordichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif ergeen sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaatin yeroon filannoo qabame haqamee, hojiileen hojjetamaa turan yeroodhaf akka dhaabbatan murtaa’uu beeksiseera.
 
Galmeen filattootaa, filannoon raawwachiistota filannoo, leenjii fi bobbiin, barnoonni filattootaa, raabsaan meeshaalee filattootaf barbacahisanii Bitootessaa fi Ebila keessa raawwatamuu kan qaban ture.
 
Yaata’uutii sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaa fi tarkaanfii naannolee fi mootummaan federaalaa weeraricha ittisuuf fudhachaa jiruun sana raawwachuun hin danda’amu.
 
Dhimmicharrattis qorannaan kan gaggeeffame yammuu ta’u, dhaabbilee siyaasaa waliin mariin gaggeeffameera.
 
Boordichi ibsa isaatin amma yeroon aangoo Mana Maree Makka Bu’oota Ummataa dhumatutti filannoo gaggeessuu akka hin dandeenye beeksisee, qorannaan gaggeesses mana marichaatif akka dhiyaatu murteessera.
 
Meeshaalee mankuusaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa keessa jiran saamsun torbee lamaan harkifateeras jedheera.
 
Bittaan maxxansa meeshaalee filannoo sababii vaayrasichaatin gufateera.
 
Leenjiin raawwachiistota filannoo naannolee 1000 ta’aniif Finfinneetti kennamuun irra ture hin kennamne.
 
Leenjii raawwachiistota filannoo 150,000 ta’aniif naannoleetti kennamuun irra ture eegaluun hin danda’amne.
 
Barnoonni boordichi filannoorratti laatu ergaa hubannoo uumuu ittisa vaayrasii koroonaatin liqimfamuun isaanii bal’aa ta’uu irra ga’eera jedheera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment