Gaaffilee hawaasaa saffisaan deebisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira–Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015 (FBC) – Piroojektoonni gaaffilee ummataa deebisaan garaagaraa yeroo gabaabaa keessatti hojjetamuun tajaajila eegalaa jiraachuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Aadde Adaanach kutaa magaalaa Lammiilee Kuraatti piroojektoota guyyoota 90 keessatti hojjetamanii xumuraman eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasiisaniiru.

Kutaa magaalichaatti giddu galli nyaataa, Warshaan Daabboo, Manneen Waliin Jireenyaa fi kanneen biroo guyyoota 90 darban keessa hojjetaman eebbifamaniiru.

Piroojektoonni kunneen fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu fi tajaajila si’ataa laachuuf qooda olaanaa kan qaban ta’uu Aadde Adaanach eeraniiru.

Bulchiinsi magaalichaa yeroo itti aanus piroojektoota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjechuu kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Abbootii qabeenyaa ijaarsa piroojektoota kanneeniirratti hirmaatan hunda galateeffataniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Ityoophiyaa #Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment