Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 157 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 157 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.

Sa’aa 24 keessatti qorannaan samuudaa namoota 3693 hojjetameera.

Qorannaa amma ammaatti gaggeeffameen Ityoophiyaatti namoota 5,846 irratti vaayrasichi argamuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Lubbuun namoota 5 darbeera.

Namoonni 132 Finfinneerraa, namonni 5 naannoo Amaaraa, namoonni 5 Dirree Dawaa, namoonni 5 naannoo Affaar, namoonni 3 naannoo Tigrayi,namoonni 3 Somaalee, namoonni 3 naannoo Oromiyaa, namni 1 ammoo naannoo Beenishaangul Guumz irraayi.

Namoonni haaraan 298 ammoo dandamataniiru.

Namoota vaayrasichaan qabaman 157 keessaa 97 dhiirota yoo ta’an 60 dubartoota.

Umriin isaaniis waggaa 7 hanga waggaa 83 ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.

Namoonni 156 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, namni 1 ammoo lammii biyya alaati.

Hanga ammaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamani 5,846 ga’eera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 2,430 kan dandamatan yoo ta’u, namoonni 103 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii 250,604 hojjetameera.

Amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 3,311.

namoonni 35 ammoo wallaansa cimaa keessatti argamu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment