Gamtichi Yaalii sanada sobaan Maallaqa daddabarsuuf yaalame balaaleeffate

Finfinnee, Ebla 23, 2016 (FBC) – Gamtaan Afrikaa Bara Faranjootaa Ebla 15, 2024 Yaalii sanada sobaan Baankii Daldala Itiyoophiyaa Mooraa Waajjira Muummee gamtichaa keessatti argamuu Maallaqa daddabarsuuf yaalame balaaleeffateera.

Gamtichi ibsa dhimmicha ilaalchisee baaseen tarkaanfii hojjettoonni Baankichaa fi Daayrektoreetiin Faayinaansii gamtichaa yaalicha fashaleessuuf taasiisan dinqisiifateera.

Nama dhuunfaa hojjetaa Gamtaa Afrikaa hin taaneen Damee Baankii Daldala Itiyoophiyaa Mooraa Waajjira Muummee gamtichaa keessatti argamuu sanada sobaan ajajni kaffaltiin akka raawwatamu jedhu dhiyaachuu himeera.

Ajajni daddabarsa jijjiirraa kaffaltii dhiyaatees Hojiilee Ijaarsaa fi Boolla Bishaanii qotamuuf kaffaltiin Doolaara miiliyoona 6 olii akka raawwatamu kan jedhu ta’uu ibseera.

Yaa ta’uutii Daayrektoreetiin Faayinaansii gamtichaa sakattoo cimaa taasiiseen sanadni dhiyaate sanada sobaa ta’uu hubachuun maallaqni kamuu akka hin baane dhorkuu isaan gamticha kisaaraa guddaarraa oolchuu ibsa isaan himeera.

Qaamoleen Nageenyaa Itiyoophiyaas namoota dhuunfaa yaalii waliin dhahuu kana taasiisan to’annoo jala oolchuun qorannoon barbaachisu taasiifamaa jiraachuu eereera.

Gamtaan Afrikaa yaalii waliin dhahuu taasiifame cimsee kan balaalleffatu ta’uu himuun, dhimmicha xiyyeeffannoo olaanaan hordofaa jiraachuu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment