Ganna dhufu kutaaleen biyyattii harki caalu Rooba idileen olii qabaatu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 16, 2016 (FBC) – Ganna dhufu kutaaleen biyyattii harki caalu Rooba idileen olii argachuu akka danda’an Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiise.
Inistiityuutichi haala raaga qilleensaa Ganna dhufuu ilaalchisee Magaalaa Adaamaatti sagantaa qopheesseen kutaaleen biyyattii harki caalu Rooba idileen olii argachuu akka danda’an ibseera.
Odeeffannoon Raaga haala qilleensaa ifoome kun hojii qonnaa, dhaabbii Biqiltuu, eegumsa biyyoo fi bishaanii, bulchiinsa hidhaaf, dhiyeessa Anniisaa, Ittisa balaa fi kanneen biroo milkeessuuf qooda olaanaa qabaachuu eerameera.
Keessattuu balaa lolaa tasa mudachuu malu dursanii ittisuuf gahee qabaachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanan Inistiityuutii Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Faxxanaa Tashoomaan dubbataniiru.
Inistiityuutichi baatiwwan arfan itti aanaan keessa ragaa of eeggannoo guyyoota kudhan kudhaniin kunnurratti hundaa’uun qaamni hundi lubbuu isaa fi qabeenya isaa balaarra akka eegatu Obbo Faxxanaan ibsaniiru.
Comments (0)
Add Comment