Gareen badii ABUT haleellaa Maayikaadiraatti raawwate Maqaleetti irra deebi’uuf socho’aa jiraachuu ibsame

Finfinne, Sadaasa 17, 2013 (FBC)- Gareen badii ABUT haleellaa Maayikaadiraatti raawwate Maqaleetti irra deebi’uuf socho’aa jiraachuu Komishiniin Poolisii Federaalaa ibseera.

Komishinichi hojii walfakkataa garichaa ragaan bira ga’uu beeksiseera.

Hojii olaantummaa seeraa kabachiisu naannoo Tigraayitti eegalame boqonnaan lammaata xumuramee boqonnaa xumaarra ga’uu ibseera.

Komishinichi gareen finxaaleeyyii ABUT magaalaa Maqalee keessaatti namoota dhalattootta naannoo Tigraayiin hin taanee ajjeechaa gara jabeenyaa raachuuf, qaabeenyaa saamee itti fayyadamuuf, uffataa seeraa raayyaa ittisa biyyaa uffachuun namoota irratti dhukaasa banuun hojii gara jabeenyaa raawwachuuf karoorsuusaa bira ga’eera jedhe.

Uummannis sochii shakkisiisaa fi adda wayita argu qaamolee nageenyaaf eeruu akka laatu gaafateera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Comments (0)
Add Comment