Gareen biyyaalessa Ityoophiyaa boru gara Ameerikaatti ni imala

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Dhiiroota biyyaalessa Ityoophiyaa tapha michoomaa taasiisuuf Boru gara Ameerikaatti kan imalu ta’uu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa beeksiiseera.

Tapha michoomaa waaliyaawwanii kana ilaachisee Barreessaa olaanaan federeeshinichaa Obbo Bahiruu Xilahuun ibsa laataniiru.

Garichi Adoolessaa 26, 2015, Kilaba Waashingitan DC Guyyaanaa fi Adoolessa 29, 2015 ammoo Istaadiyeemii Saawuzarnkiresantitti Kilaba Atilaantaatti Roovaarsi waliin tapha michoomaa kan taphatu ta’uu eeraniiru.

Gareen biyyaalessa Ityoophiyaa gara sanatti wayita imalu Doolaara Ameerikaa kuma 5 kan argatu ta’uu eeraniiru.

Warqinehi Gaashahuuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment