Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha Giinii waliin qabu taphachuuf gara Moorookoo imale

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Afrikaa Giinii waliin qabu taphachuuf gara Moorookoo imaleera.

Jilli garichaa taphattoota 23 of keessatti hammate kaleessa galgala gara Kaazaaabilaankaa imaluu isaa Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Garichi Waancaa Afrikaa 34ffaa qopheessummaa Ayvooriikoostiin gaggeeffamuuf tapha gulaallii gita isaa Giinii waliin Bitootessa 15 fi 18, 2015 Moorookootti ni taphata jedhameera.

Gareen biyyaalessa Ityoophiyaa tapha ga’umsa madaallii Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti garee Biyyaalessa Ruwaandaa waliin taphate goolii 1 fi 0n injifachuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment