Gareen Sarkasii “Black Lion” galmee dinqisiisoo addunyaarratti galmaa’e

Finfinnee, Amajjii 25, 2016 (FBC)- Gareen Sarkasii “Black Lion” Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommii Aartii Sarkasii Xaaliyaaniittii gaggeeffamerratti hirmaate rikardii haaraa galmeessuun galmee dinqisiisoo addunyaarratti galmaa’e.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasan garichaaf simannaa fi beekkamtii kennaniiru.

Garichi injifannoo galmeesseen gammachuu isaanii ibsuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Pireezidantiin Gamtaa Waldaalee Sarkasii Itiyoophiyaa Takiluu Ashaagiree gama isaaniin, garichi kanaan duras rikaardiiwwan haaraa sagal galmeessuu ibsaniiru.

Gama biraan Feestivaalaa Sarkasii Idil Addunyaa Faransaay Moontakaarlootti gaggeeffamerratti Gareen Sarkasii “African Dream” meedaaliyaa meetii fi waragaa ragaa argachuun injifannoon deebi’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment