Gareen shororkeessaa Shaneen godina Shawaa Kaabaatti lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraa Gundoo Masqalitti gareen shororkeessaa Shaneen lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuu  Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenyaa godina Shawwaa Kaabaa ibse.

Garee shororkeessaa kanarratti mootummaan haleellaa qindaa’aa gaggeessaa jiraachuu fi garichis abdii kutannaan bosona da’eeffatee jiru keessaa dheessee ba’aa jiraachuu hogganaan waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa godinichaa obbo Abrahaam Birihaanuun Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Shaneen Oromoofan qabsaa’a jedhus Oromoo ajjeesaa fi qabeenya isaa saamaa jiraachuu kaasaniiru.

Guyyaa kaleessaa tarkaanfii aanaa Hidhabuu Abooteetti irratti fudhatameen gara aanaa Darraa Gundoo Masqalitti baqachuun mana lammiilee nagaatti seenuun lammiilee nagaa  lakkoofsi isaanii hin beekamne ajjeesuu eeraniiru.

Tarkaanfiin garicharratti fudhatamu kan itti fufu ta’uu fi godinichatti humni dabalataa waan bobbaafameef yeroo gabaabaa keessatti ni barbadaa’a jedhaniiru.

Garee shororkeessaan Shanee boquu uummata Oromoo cabsuuf kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.

Hawaasnii fi milishaan garee kana bakka seensaa akka dhowwatan gaafataniiru.

Alaayyuu Garramawutu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment