Giddugala Gabaa Aqaaqitti balaa Ibiddaa mudateen Suuqiwwan 16 gubachuu ibsame

Finfinnee, Ebla 25, 2016 (FBC) – Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Giddugala Gabaa Aqaaqiitti balaa Ibiddaa mudateen Suuqiwwan 16 gubachuu ibsameera.

Halkan edaa naannawaa sa’aatii 3:10 aanaa 3 Giddugala Gabaa Aqaaqittii jedhamutti balaa Ibiddaa mudateen Suuqiwwan 16 gubachuu fi balich8 miidhaa caalu osoo hin qaqqabsiisiin to’atamu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Hawaasni naannawaa fi hojjettoonni komishinichaa tattaaffii cimaa taasisaniin balicha to’achuun danda’amuu ragaan Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment