Giddugaloota Nyaataa Finfinneetti jiraattonni kuma 35 ol ta’an tajaajilamaa jiru-Aadde Adaanech

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC)- Giddugaloota nyaataa Magaalaa Finfinneetti argaman irraa jiraattoonni kuma 35 ol ta’an tajaajilamaa jiru jedhan Kantiibaan Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad giddugala nyaataa ‘Tasfaa Birhaan’ 20ffaa har’a eebbisiisuun tajaajila eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanechii gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Giddugalli nyaataa kun kutaa magaalaa gullallee naannawwaa Qacanee Madaani’aalam jedhamuun waamamutti kan ijaarameedha.

Giddugalichis jiraattoota harka qalleeyyii 500 ol ta’aniif guyyaatti yeroo tokkotti nyaata madaalawaa dhiyeessuu kan danda’uudha jedhaniiru.

Giddugaloota Nyaataa 20’n magaalaa Finfinneetti argaman irraa jiraattoonni magaalaa keenyaa kuma 35 ol ta’an tajaajilamaa jiraachuus himaniiru.

Giddugala Nyaataa ‘Tasfaa Birhaan’ 20ffaa baasii Birrii miiliyoona 47’n kan ijaaran abbaa qabeenyaa “Tokkummaa Istaar Biizinas Giruup” Obbo Tokkummaa Fiixee akkasumas tajaajilaa kennuuf kan giddugalicha fuudhan hundeessaan Faawundeeshinii Bizu’aayyahu Taaddalaa Obbo Bizu’aayyahu Taaddalaa galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment