Godina Gujiitti balaa Lolaa mudateen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Ebla 26, 2016 (FBC) – Godina Gujii Aanaa Adoolaa Reeddeetti balaa Lolaa mudateen lubbuun namoota 4 darbuu ibsame.

Aanaa Adoolaa Reeddeetti Roobaa Cimaa Kaleessaa waaree booda Sa’aatii 11:00 hanga halkan Sa’aatii 2:00tti Roobuu hordofee balaa lolaa mudateen Lubbuu namoota 4 darbuu fi qabeenyi barbaadaa’uu ibsame.

Abbootiin warraa 34 qe’ee fi qabeenya saaniirraa buqqa’uus eerameera.

Bulchaan Aanaa Adoolaa Reeddee Obbo Waldee Dhugoo fi koreen qindeessituun Aanichaa Iddoo Balaan itti mudate kana daawwachuun maatii namoota lubbuun dhabanii jajjabeessuu ragaan Kominikeeshinii godinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment