Godina Jimmaa aanaa Qarsaatti dirreen dubbisaa fi qo’annaa 160 hojjetaman

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Godina Jimmaa aanaa Qarsaatti dirreen barattootni itti dubbisanii fi qo’atan 160 hirmaannaa hawaasaa Birrii miiliyoona 10.2 qophaa’anii tajaajila kennuu eegalan.

Dirreewwan qo’annaa kunneen naannoo manneen barnootaa argamanirraa fageenya dhihoo irratti kan qophaa’an yoo ta’u, barattootni dubbisuu fi barreessuu hin dandeenye sanbata xiqqaa fi guddaa sa’aatii lamaaf keessatti qo’atu.

Aanaa Qarsaatti daa’imman 10,000 dubbisuu fi barreessuu kan hin dandeenye yoo ta’u, tola ooltotni 360 daa’imman kana barreessuu fi dubbisuu barsiisuuf leenjii fudhachuu isaaniti itti gaafatamaa waajjira barnoota aanichaa obbo Indashaa Golgaan kan dubbatan.

Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Jimmaa obbo Kaasaahuun Taaddalaan gama isaanitiin dirreen barattootni itti dubbisan aanaa Qarsaan dabalatatti aanaa Dedoo, Saqqaa Coqorsaa fi Limmuu Kossaatti akka qophaa’an himaniiru.

Bulchaan bulchiinsa godina Jimmaa obbo Abdulhakiim Muluun dirreen barattootni itti dubisan qophaa’un isaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf iddoo guddaa akka qabuu fi daa’imman dubbisuu aadaa godhatanii akka guddataniif gumaacha akka taasisu dubbataniiru.

Muktar Xahaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment