Godina Shawaa Bahaa aanaa Liibaan Cuqqaalaatti miseensota shaneerratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2016 (FBC) – Godina Shawaa Bahaa aanaa Liibaan Cuqqaalaatti miseensota shanee Yaa’a Laga Awaash Daheeffachuun sochaa’aa turanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Raayyaan Ittisaa beeksise.
Miseensota garichaa Yaa’a laga Awaash daheeffachuun gochaa shororkeessummaa raawwataa turan guutummaatti barbadeessuu himeera.
Hoggantoonni garichaa Jaal Boonsaa, Jaal Fayyisaa fi Jaal Maakii jedhaman garee dursan waliin ajjeeffamuu eereera.
Kilaashiin 34, SKS 13, Boombiiwwan adda addaa 8 fi Rasaasni hedduun hidhannoowwan garaagaraa waliin booji’amuu ragaan Fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment