Godinichatti miseensota shanee 40 ta’anirratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2016 (FBC) – Godina Boorana Bahaatti ajajaa Cibiraa Soddom Booroo dabalatee miseensota garichaa 40 ta’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu Raayyaan Ittisaa beeksiise.

Godinichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf tarkaanfii olaantummaa seeraa qindoomina qaamolee nageenyaatiin Aanaa Liibanii fi Gooroo Doolaatti fudhatameen Ajajaa Shanee godinicha keessa socho’u Cibiraan Soddom Booroo maqaan Dhaddacha Sharee Gamoo jedhamuun waamamu dabalatee miseensota garichaa irratti tarkaanfiin fudhatamuu raayyichi ibseera.

Miseensota garichaa 71 ta’an ammoo karaa nagaan mootummaatti harka isaanii kennachuus ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment