Gurmaa’ina naannoo ilaalchisee murteewwan manneen maree godinaalee fi aanaalee addaa dabarsan Mootummaan Naannoo Kibbaa dinqisifate

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Tibbana gurmaa’ina naannoo ta’uu ilaalchisee murteewwan manneen maree godinaalee fi aanaalee addaatiin darbe Mootummaan Naannoo Kibbaa “murtee bilchaataa” jechuun dinqisifachuun galateeffateera.

Godinaalee Walaayittaa, Gaamoo, Koonsoo, Oomoo Kibbaa, Kambaataa, Halaabaa fi Haadiyaa akkasumas, Aanaalee Addaa Yem, Burjii, Baaskeettoo, Alee fi Ammaarroo walta’anii gurmaa’uuf manneen maree isaaniin murtee dabarsuun ni yaadatama.

Murtecha ilaalchisuun Mootummaan Naannoo Kibbaa ibsa baaseen, gaaffiin gurmaa’inaa, waliin jireenya, obbolummaa, waliif yaaduu fi duudhalee hawaasummaa haala hinmiineen akka hojiirra oolu fedhii qabaachuu mootummaan naannichaa dinqisiifateera jedha.

Kanaan dura, fedhii ofiin of bulchuu ummaattootaa kabajuun gaaffileen gurmaa’uu sabdaneessummaa ummattoota gidduu jiru haala hinmiineen akka raawwatamu hojjechaa turuu ibsa baase kanaan yaadachiiseera.

Yeroo ammaa manneen maree sadarkaan jiran marii bal’aa taasisuun sabdaneessummaa naannichaa keessaa itti fufsiisuuf, darbees, kopha kophaarraa gamtaan misoomuuf ejjennoo waloo qabaachuun akka fakkeenyaatti kan eeramu ta’uu ibseera.

Adeemsi naannoo ta’uu bu’aa qabeessa akka ta’us mootummaan naannichaa, mootumma federaalaa waliin deeggarsa barbachiaa akka taasisu eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment