Guyyaan agartuu sadarkaa addunyaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Guyyaan agartuu addunyaa sadarkaa addunyaatti har’a kabajamaa jira.

Guyyichi akka Oromiyaatti Fulbaana 28,2013 mata duree ‘Abdiin Keenya Agartuu Keenya’ jedhuun yaadatameera.

Kaayyoon guyyaa kun kabajamuuf, ijji qaamolee kunuunsa guddaa barbaadan keessaa isa tokko waan ta’eef, namoonni ija isaaniitiif kunuunsa akka taasisaniif hubannoo uumufi jedhameera.

Guyyaa kana sababeeffachuun hojjattoonni biiroo eegumsa fayyaa Oromiyaa dhiibbaa dhiigaa arjoomaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment