Haala dhiyeessaa fi Raabsa Xaa’oorratti naannolee fi qooda fudhattoota waliin mari’atamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC) – Ministeerri Qonnaa haala dhiyeessaa fi Raabsa Xaa’oorratti naannolee fi qooda fudhattoota waliin marii taasiisaa jira.

Naannoo Oromiyaa, Beenishaanguul Gumuzii fi naannoon Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa, akkasumas Biiroon Qonnaa, Yuuniyeenoonnii fi dhaabbileen Xaa’oo Geejjibsiisan maricharratti argamaniiru.

Xaa’oon yeroo isaa eeggatee dhiyaachuu dhabuun oomishaa fi Oomishtummaarratti dhiibbaa uumuu danda’a jedhameera.

Keessattuu naannoolee qonna gannaan oomishalee qonnaa hedduminaan oomishanitti dhimmi xaa’oo yaaddoo olaanaa ta’uu marichaan ka’eera.

Marii kanaan ka’umsi rakkichaa fi yaadni furmaataa ni dhiyaatan eegama.

Amartii Tasfaayee fi Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment