Har’a fiigichi xumuraa meetira kuma 5 dhiiraa fi kuma 1fi 500 koorniyaa lamaaniinuu ni gaggeeffamu

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC) – Taphoota Guutuu Afrikaan har’a fiigichi xumuraa meetira kuma 5 dhiiraa fi kuma 1fi 500 Koorniyaa lamaaniinuu ni gaggeeffamu.
Fiigichi meetira kuma 1 fi 500 dhiirootaa galgala sa’aatii 2:50 fi dubartootaa sa’aatii 2:35 irraa eegalee kan fiigamu yoo ta’uu, Atileetoonni Itiyoophiyaa tilmaama injifannoo argataniiru.
Fiigicha meetira kuma 5 dhiirootaa Atileet Hagos Gebrehiyiwat Itiyoophiyaa bakka bu’uun hirmaatu galgala sa’aatii 2:00 irraa eegalee ni gaggeeffama.
Dorgommii buunyaa galgala sa’aatii 1 irraa jalqabee gageeffamuunis dorgomtoonni Itiyoophiyaa ni eegamu.
Salamoon Baqqalaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment