Harargee Bahaatti Balaa Tiraafikaa Mudateen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbuu Waajjirri Poolisii Aanichaa beeksise.

Balaan kun Aanaa Meettaa ganda Calanqoo Lolaatti har’a ganama sa’aa 2:00tti Konkolaataan dhaabbata deeggarsa Sagantaa Nyaata Addunyaa Jibuutiirraa midhaan deeggarsaa fe’uun gara Finfinnee imalaa ture kufee garagaluun miidhaa kana qaqqabsiisuu Waajjira Poolisii Aanaa Meettaatti Qindeessaan Kutaa Tiraafikaa Inispeektar Badhaasaa Abbabee himaniiruu.

Dubartoonni daandiirratti Jimaa daldalan 3 fi konkolaachisaan battalumatti du’uu isaanii Inispeektar Badhaasaan ibsaniiruu.

Saffisaa humnaa oliin konkolaachisuun balichaaf sababa ta’uus eerameera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment